Namtichi ‘baduun’ barbaadamaa ture osoo ofi barbaadu namoota jidduutti argame
Namtichi ‘bade’ jedhame barbaadamaa ture namoota isa barbaadan giddutti argame
Tarkiitti namtichi 'badeera ykn dhabame' jedhamuun barbaadamaa ture tokko, namootuma isa barbaadaa turan jidduutti argamuun dhagahame.
Namtichi barbaadamaa ture sunis, kan baramaadamaa jiru isa ta’uu osoo hin hubatiin namoota gareedhaan isa barbaadaa turanitti akka tasaa dabalamee argame jedha miidiyaan Tarkii.
Namtichi kunis Beyhan Mutlu kan jedhamuufi ga'eessa umuriiin isaa ganna 50ti. Kibxata darbe ture kan hiriyoota isaa wajjin dhugaatii alkoolii osoo dhuguu ka'ee bosona bulchiinsa Bursaa jedhamutti argamu keessa seenee kan dhabame.
Inni deebi’uu diduun kan ishee yaaddesse haati warraa isaa fi hiriyoonni isaas qondaaltota mootummaa naannichaatti gabaasan.
Gabaasa isaanii hordofees gareen namticha barbaadu gara bakka namtichi itti badee jedhamee sanatti ergame.
Namni umuriin isaa ganna 50, Aab Mutluun, warra isa barbaadan argee isaanitti dabalamuuf murteeffate jedhe gabaasni NTV.
Haata'u malee, namoonni isa barbaadan maqaa isaa waamuu eeggalan. Innis hin callisne, ’’Asuman jira’’ jedhee deebiseef. Sana booda hojjattoota lubbu-baraaraan keessa tokko akka yaadasa kennuuf namoota keessaa moggaatti isa baase.
‘’Adaraa haala sukanneessan akka nan adabne. Abbaan koo ammoo na ajjeesa,’’ jedhee watwaachuu isaatu gabaafame.
Poolisiin taatee kana booda gara manaatti isa geessuutuu himame.
Namtichi kunis adabamuu fi dhiisuun garuu ammatti waanti barame hin jiru
Comments
Post a Comment