Skip to main content

 

Weellisaan R Keelii seeraan ala hojii saalqunnamtiif namoota daddabarsuun yakkamaa ta’uunsaa mirkanaa’e

Kelly seen entering court in June 2019

MADDA SUURAA, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, 

Waxabajjii 2019tti yeroo R Keeliin gara mana murtii seenu

Weellisaan Ameerikaa R Keelii beekamtii isaa fayyadamuun waggoota digdamaaf haleellaa saalaa dubartootaa fi daa’imman irratti gaggeessaa turuun isaa mirkanaa’e.

Dhaddacha torbanoota ja’aaf gaggeeffame irratti namootni isa himatan 11, dubartoota sagaliifi dhirooti lama, haleellaa fi qaneeffamuu saalaa irra ga’e dubbataniiru.

Gareen gumii miseensoota hawasaa (jury) guyyaa lamaaf erga mar’atanii booda, himata irratti dhiyaate hundaan yakkamaa ta’uu isaa mirkaneessaniiru. 

Caamsaa 4 irratti murtoon adabbii kan irratti dabru yoo ta’u, hidhaa umurii guutuun adabamuu danda’a jedhameera.

Weellisaan maqaan isaa guutuu Roobart Silvestar Keelii ta’e kun, gartuu hamoo kan dubartootaa fi daa’immaan kiyyeessuun akka inni haleellaa saalaa irrattti gaggeessu taasisan hogganaa akka ture manni murtii mirkaneesseera.

Wellisaan – sirba isaa badhaasa argate I Believe I can Fly jedhuun caalaatti beekamu – karaa seeraan alaan dubartoota saal-qunnamtiif daddabarsuu fi suuralee fi vidiyoo saalaa daa’immanii qopheessuun isaas mirkanaa’eera.

Himata saddeet seeraan ala hojii saalqunnamtiif namoota daddabarsuun yakkamaa ta’uu isaan dabalata, Keeliin yakka qindaa’aa rawwachuunis yakkamaa ta’eera.

Dhaddacha irratti, abbootiin alangaa akkamiin akka hoggantoonni, eegdoonni fi namootni miseensa gartuu yakkaa isaa ta’an hojjachaa akka turan himaniiru.

Dubartiin himata irratti dhiyeessite tokko akkamiin akka Keeliin ishee hidhee, qoricha sammuu hadochuu kenneefi ishee gudeedee raga bahumsaa barreeffamaan dhiyaate irratti ibsuun, erga isa himattee booda ‘dorsisi irra ga’aa waan tureef’ Keelii jalaa dhokachaa turuu ishee himteetti.

''Sodaarraa bilisa ta’ee jireenyakoo itti fufuu fi miidhaa narra ga’erraa fayyuu eegaluuf qophaa’eera,” jechuun dubartiin mana murtiin Sonjaa jedhamuun adda baafamte kun himteetti.

Ragaaleen seeraa dhiyaatan akkamiin akka Keeliin xiin-sammuu namoota kanaa dararaa ture ibsaniiru. Namootni kun eeyyama isaa malee nyaachuu ykn mana fincaanillee fayyadamuu hin danda’ani, maal akka uffatanis ni to’ata, akkasuma ‘Daadii’ jechuun akka isa waamanis dirqisiisaa ture.

Abukaatoon Gilooriyaa Alreed, kan namoota miidhaman hedduu bakka bu’aa jirtu, “waggoota 47’f hojii seeraa hojjedheera. Yeroo kanatti yakkamtoota saal-qunnamtii hedduu kan dubartootaa fi daa’imman irratti yakka gaggeessan lolaa tureera.

“Yakkamtoota kunneen hunda keessaa, Keeliin isa hamaadha,” jetti.

Dhaddacha federaalaa kana irratti, Keeliin ragaa waraqaa sobaa qopheessuun akkamiin welliistuu Aaliyaa ganna 15 waliin ga’eela dhabbatees manni murti ilaaleera. Weellistuun Aaliyaa Hagayya 2001 balaa xiyyaaraan lubbuun ishee darbeera.

Abukaatoon weellisaa kanaa Deveraax Kaanik rippootarootatti akka himetti, Keeliin yakkamaa ta’uun isaa irratti mirkanaa’a jedhee hin eegne ture.

Keeliin Chikaagoo keessatti himata viidiyoo fi suuraa saal-qunnamtii daa’immanii qopheessuun dhaddacha biraa irratti ni dhiyaata. Himata haleellaa saal-qunnamtii biraatiinis Eelinooyi fi Minisootattis dhaddachatti ni dhiyaata.

Yoo xiqqaate waayilootni Keelii duraanii lama himata biraa namoota Keelii himatan callisiisuu yaaluu isaanii amananiiru.

Comments

Popular posts from this blog

NEW PROTESTS BREAKING OUT AT IRREECHA HORA FINFINNE FESTIVAL IN ETHIOPIA CAPITAL