Shakiira: Bineensi karkarroo jedhamu lama weellistuu beekamtuu Kolombiyaa taate Shakiiraa haleelan
Shakiira: Bineensi karkarroo jedhamu lama weellistuu beekamtuu Kolombiyaa taate Shakiiraa haleelan
Shakiiraa [ 2020 kan kaate] osoo paarkii Ispeen, Baarseloonaa keessa deemtuu bineensotni dhaanan
Weellistuu beekamtuu Kolombiyaa fi haati warraa taphataa Baarseloonaa Jeeraard Piiqee, Shakiiraan mucaa ishee waggaa saddetii waliin osoo paarkii magaalaa Baarseloonaa keessa deemtuu karkarroodhaan dhaanamte.
Shakiiraan akka jettutti bineensotni kunneen ishee dhaanuun borsaa harka ishee fudhatanii bosona galan.
Waan ishee mudate kana gaafa Roobii fuula Inistaagiraamii ishee irratti qoodde.
Borsaa irratti tarsaasan garuu amma sirresiteettu gara kaameeraatti qabdee akkas jette.. Ilaalaa akkatti bineensoni boor [karkarroo] jedhaman paarkii keessatti na dhaanuun borsaa koo kan godhan,'' jette.
Borsaakoo moobaayila keessa jiru waliin fudhatanii bosona galan,'' jette weellistuun kun. ''Waan hundumaa babballeessan,'' jette.
Sana booda gara ilma ishee kan abbaansaa taphataa Baarseloonaa beekamaa tahe kan Jeerard Piiqetti garagaluun, '' Miilaan dhugaa isaa himi. Akkatti haatikee karkarroo bosonaa dura dhaabbatte dubbadhu,'' jette.
Shakiiraan bineensota dhiyeenya magaalaa Baarseloonaa weeraran kanaan nama miidhamtedha. Bara 2016 keessa karkarroon kun saroota irraan miidhaa gahu irraa kan ka'e namootni poolisiif yeroo 1,187 bilbilaniiru.
Bara 2013 ammoo poolisiin magaalaa tokko rakkoo kana ofumaaf furuuf yaalaa ture. Karkarroo kana dhaha jedhee itti dhukaasee miiltoo isaa biraa rukute.
Karkarroon [Boars] dhukkuboota adda addaa baachuun adunyaa irratti bineensota beekaman keessatti kan ramadame tahu, haala qilleensaa kamiyyuu keessatti irraa hafuun jiraachuu danda'u.
Bineensotni kunneen gara magaalaatti dhiyaachuun naannoo namootni balfa itti gatan bosona jiru keessa jiraatu.
Lakkoofsi isaanii Awurooppaa keessatti akkan kan dabale yoo tahu amma gara miliyoona kudhanii gahaniiru jedham. Bineensi kun hamaa tahuu isaa irraa kan ka'e magaalotni hedduun tooftaa ittiin lakkoofsa isaanii xiqqeessan hojiirra oolchaa jiru.
Comments
Post a Comment