Antooniyoo Guteereez Itoophiyaan qondaaltota UN ari’uusheetti 'rifachuu 'himan’

 


Barreessaa Ol-aanaa Antooniyoo Guteereez

MADDA SUURAA, GETTY IMAGES

Barreessaan Ol-aanaa Mootummoota Gamtomanii (UN) Antooniyoo Guteereez, ''Itoophiyaan qondaaltota Dhaabbatichaa biyyaa ari'uu dhagahu kiyyatti naasuu guddaan natti dhaga'ame,'' jechuun ibsan.

Antooniyoo Guteereez oduun Itoophiyaan qondaaltota gargaarsa namoomaa ol-aanoo dabalatee hojjattoota UN torba biyyattii keessaa sa'atii 72 keessatti akka ba'aniif ajajje jedhameen naasuun itti dhaga'amuu ibsa Kamisa galgala baasaniin himan.

Barreessaa ol-aanaan kun ibsa isaaniitiin, hojiiwwan namoomaa UN hundumtuu ulaagaalee namoomaa, walabummaa, loogii maleessaafi madaalawaan hojjatamu jedhan.

''Itoophiyaa keessatti, UN nyaataa, qoricha, bishaaniifi dhiyeessiiwwan qulqullinaa dabalatee namoota gargaarsi qaqqabuufiin barbaachisuuf deeggarsa lubbuu oolchuu taasisa.

''Hojjattoonni UN Itoophiyaa keessa hojjatanis kana akka hojjataa jiran amantaa guutuun qaba,'' jedhan.

Itti dabaluun, UN lammiilee Itoophiyaa deeggarsa namoomaa irratti hirkataniif gargaarsa taasisuuf ammallee kutatoodha jedhan.

Kana malees, mootummaan Itophiyaa hojjattoonni UN dhimmisaa ilaalattus hojii isaanii barbaachisaa kana hojjachuu akka itti fufaniif akka heeyyamuuf haala addaa ta'een amma dubbataa jirra jedhan Guteereez . 

Itoophiyaan qonaaltota UN maaliif akka biyyaa bahan murteessite?

Itoophiyaan qondaalonni UN torba sa'a 72 keessatti daangaa biyyattii gadhiisanii akka bahan murteessuu Ministerri Dhimma Alaa Kamisa beeksiiseera.

Ministerri Dhamma Alaa Itoophiyaa akka jedhetti, qondaaltoonno olaanoon biyya gadhiisanii akka bahan murtaa'e kanneen dhimma keessoo biyyaa keessa seenaniifi ''lammii biyya alaa mirga himatamuu dhabuu qabanidha.'' 

Hoggantuun Deeggarsa Namoomaa UN mootummaan Itoophiyaa deeggarsi naannoo Tigiraay akka hin galleef ''beekaa danqe'' jechuun himatte.

Kanneen akka gadhiisanii bahan itti murtaa'e keessaa:

  • Itoophiyaatti bakka buutuu UNICEF, Adel Kihodir
  • UNtti Hoggantuu waajjira Qindeessa Deeggarsa Namoomaa, Maarsii Viigodaa
  • UNtti gorsaa dhimma nageenyaa fi misoomaa Kiseweesii Saannsikulootee
  • Waajjira UNtti Itti Aanaa Hogganaa Saidaa Mohaammad Heersii
  • UNtti hoggantaa garee hordoffii fi gabaasaa Obbo Saanii Oonyoogbulaa
  • Waajjira UN Itoophiyaatti I/Aanaa Qindeessaa Deeggarsa Namoomaa Giraan fi 
  • Le'iteeyfi UNtti Qindeessaa deeggarsa yeroo eeggannoo Gaadii Eltaahir Mu'aadii kanneen murtoon irratti darbedha.
Aanga'oota ol-aanoo UN akka Itoophiyaa keessaa bahan keessaa bakka buutuu UNICEF Adelo Kehoder keessatti argamu

MADDA SUURAA, @ADELEKHODR

Ibsa waa'ee suuraa, 

Aanga'oota ol-aanoo UN akka Itoophiyaa keessaa bahan keessaa bakka buutuu UNICEF Adelo Kehoder keessatti argamu

Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti waraanni erga humnoota TPLF fi mootummaa federaalaa gidduutti jalqabee amma ji'ootni kudhan darbaniiru.

Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa rakkoo guddaa akka tahe dhaabbileen deeggarsa namoomaa dhiyeessan hedduun ibsaa turan.

Mootummaan Itoophiyaa ammoo himata isaan deeggarsi namoomaa Tigiraay danqame jedhan soba jechuun humnoota TPLF himata.

Lola kana gidduutti lubbuun namoota kumaatamaa darbuun miliyoonaan ammoo jiraattotni qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

Hogganaan Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Maartiin Griffiths, Kibxata darbe konkolaataan deeggarsa namoomaa deddeebisan socho'uu dhabuu isaaniitiin naannoo Tigraayittii beelli miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu himanii ture.

Itti-gaafatamaan kun 'qoqqobbii deeggarsa namoommaa ifa hin taane jalatti kan argamtu' Tigraay qaqabuun irra jiraatu keessaa harka 10 qofaatu qaqqabaa jiraachuus himaniiru

Comments

Popular posts from this blog

NEW PROTESTS BREAKING OUT AT IRREECHA HORA FINFINNE FESTIVAL IN ETHIOPIA CAPITAL